Fana: At a Speed of Life!

Daandilee misooma kooridarii tajaajilaaf banaa ta’anirra konkolaataa dhaabuun dhorkame

Finfinnee, Waxabajjii 3, 2016 (FBC)- Daandilee hojiilee misoomaa kooridariin xumuramanii tajaajilaaf banaa ta’anirra konkolaataa dhaabanii deemuun dhorkaa ta’uu Poolisiin Magaalaa Finfinnee beeksise.

Hojiilee misoomaa Kooriidarii shanan keessaa Kooriidariin Piyaasaa, Araat kiiloo fi Addabaabaayii tewoodiroos guyyaa kaleessaa tajaajilaaf banaa ta’uun ni yaadatama.

Kanaaf daandii seeraa qabeessan fayyadamuu fi soda balaa traafikaarraa eeguu fi bu’uuraalee misoomaa daandiif eegumsa barbaachisa taasisuun ittigaafatama lammiilee hundaa ta’uun Poolisiin hubachiiseera.

Daandilee tajaajilaaf banaa ta’anirra konkolaataa dhaabanii deemuunis dhorkaa ta’uu eereera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.