Fana: At a Speed of Life!

Daandiiwwan Doqdoqqee fi konkolaatoota fe’umsaaf dhorkaman ifooman

Finfinnee, Mudde 28, 2016 (FBC)- Daandiiwwan Doqdoqqee fi konkolaatoota fe’umsaaf dhorkaman Poolisiin Magaalaa Finfinnee ifoomseera.

Daandiiwwan kunneenis daandii Boolee-Olompiyaa-Addabaabayii Masqalaa-Masaraa Mootummaa akkasumas Kiiloo Afur kallattiiwwan lameeniin ta’uun ibsameera.

Kanaaf doqdoqqeewwanii fi konkolaattoonni fe’umsaa daandilee eeraman irra Muddee 29, 2016 eegalee socho’uu akka hindandeenye beekanii daandilee filmaataa biroo akka fayyadaman Poolisin Magaalaa Finfinnee hubachiiseera.

Daandiileen kanneenirra mallattoolee irraa imaluun dhorkaa ta’an dhaabamuu kan yaadachiise Poolisiin, konkolaattotaa dhorkii kana darbanirratti tarkaanfiin kan fudhatamu ta’uu beeksiseera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.