Fana: At a Speed of Life!

Daandiin tajaajila geejjibaa biskileetii Labuu-Jamoo hojii eegale

Finfinnee, Gurraandhala 8, 2012 (FBC) – Bulchiinsa magaalaa Finfinneetti daandiin tajaajila geejjibaa motora maleeyyii Labuu – Jamoo hojii eegale.

Ijaaramuun daandii kana tajaajila motora maleeyyii magaalattii keessatti jiraattoonni tokko tokko akka itti fayyadamaniif yaadameeti ta’uu hogganaan biiroo gejjibaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee obbo Sixootaa Akaalee himaniiru.

Yeroo dhiyootti daandiin Qaalitti – Tullu Diimtuu kiiloo meetra 11 fi haaluma walfakkatuun daandiin Garmeentii – Jamoo kiiloo meetra 4 tajaajila ni eegala jedhaniiru.

Naannoo Abinatii fi Istadiyoomitti bakki shaakkalli biskileetii hojjetamaa jiraachu ibsaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.