Fana: At a Speed of Life!

Daandiin saffisaa Mojoo-Maqii-Baatuu hariiroo daldalaa Afrikaa Bahaa akka si’eessuu ibsame

Finfinnee, Waxabajjii 24, 2013 (FBC)- Daandiin saffisaa Mojoo-Maqii-Baatuu hariiroo daldalaa Afrikaa Bahaa akka si’eessuu ibsameera.

Daandiin saffisaa Mojoo-Maqii-Baatuu fi proojektoonni yeroo itti aanaanitti dhugoomaan hariiroo daldalaa Afrikaa Bahaa fi naannichaa si’eessuun guddina diinagdee kan mirkaneessuu ta’uu Jilli miseensoota garee biyyoota Laapseet ibsaniiru.

Jilichi kana kan jedhes dhiyeenya ijaarsisaa kan xumuramee daandii saffiisaa Mojoo-Maqii-Baatuu wayita daawwateettidha.

Daawwannicharratti Ministirr Deettaa Ministeera Geejjibaa obbo Kaasahuum Goofee fi daayreektarri olaanaa Abbaa Taayitaa Daandiiwwan Ityoophiyaa Injinaar Habtaamuu Tagany jilichaaf ibsa laataniiru.

Daandiin saffisaa kun qaama daandii koriidarii Finfinnee, Moyaalee, Naayroobii, Moombaasaa ta’uusaan hariiroo hunda galeessaa naannichaa cimsuuf shoora olaanaa qaba jedhameera.

Daandiin saffisaa Mojoo-Maqii-Baatuu hariiroo daldalaa Afrikaa Bahaa akka si’eessuu ta’uu ragaan Abbaa Taayitaa Daandiiwwan irraa argamee ni muul’dhisa

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf:-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.