Fana: At a Speed of Life!

Daandiin qilleensichaa yeroo jalqabaaf Koochoo xiyyaaraarrati fooyya’iinsa taasise

Finfinnee, Hagayya 20, 2012 (FBC) – Daandiin Qilleensa Ityoophiyaatti ogeeyyiin suphaa yeroo jalqabaaf koochoo Xiyyaaraarratti fooyya’iinsa Mahandisummaa taasisan.
 
Xiyyaaroota balallii Booying 767 jedhaman irratti fooyya’iinsi kun taasifamu ibsameera.
 
Fooyya’iinsi taasifame waggaatti boba’aa hanga gaaloonii kuma dhibba 5 qusachuu danda’a jedhame.
 
Dabalataan kaarboonii gadi lakkifamu meetirik toonii kuma dhibba 2 fi kuma 77 hambisuun tattaaffii eeggumsa naannoo Daandiin qilleensichaa taasisuu kan deeggaru ta’uu ibsameera.
 
Ogeeyyii suphaa Daandii Qilleensichaan Xiyyaaroota 69f fooyya’iinsi taasifame milkiin xumuramuu himameera.
 
Fooyya’iinsi Koochoo Xiyyaarootaa ogeeyyii Suphaa Daandii qilleensichaan godhame kun Afrikaatti isa jalqabaa ta’uu akka danda’u ragaan dhaabbatichaarraa argame ni agarsiisa.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.