Daandiin qilleensichaa torbee lamaan darban Abaaboo foxxoqqii miiliyoona 110 biyyoota garaagaraatti imalchiisuu ibse
Finfinnee, Gurraandhala 5, 2014 (FBC) – Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaa torbee lamaan darban Abaaboo foxxoqqii miiliyoona dhibba 1fi miiliyoona10 biyyoota garaagaraatti imalchiisuu beeksiise.
Tajaajjilli Kaargoo fi Loojastiiksii Daandii Qilleensaa Ityoophiyaa torbeewwan lamaan darbe balallii 86 taasiiseen Abaaboo foxxoqqii miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona10 biyyoota addunyaa garaagaraatti ilmalchiisuu beeksiise.
Daandiin qilleensichaa guyyaa jaalalleewwanii baatii kana kabajamu sababeeffachuun Xiyyaara fe’umsaa meeshaan hamma hoo’inaa to’achuu danda’uu itti hidhameen Oomishaalee Abaaboo biyyoota Afrikaa, Awurooppaa fi Ameerikaatti hedduminaan imalchiisuu ibseera.
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.