Fana: At a Speed of Life!

Daandiin qilleensichaa maqaa gaarii qabutti dabalataan caalee akka argamu hojjetamaa jira-Obbo Masfiin Xaasawu

Finfinnee, Sadaasa 12, 2017 (FBC)- Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa maqaa gaarii qabutti dabalataan caalee akka argamuuf hojjetamaa jiraachuu Hoji Gaggeessaan Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaa Obbo Masfiin Xaasawu ibsan.

Sochii hojii daandichaa ilaalchisuun turtii Faanaa Biroodkaastiingi Koorporeet waliin taasisaniin, kaayyoo fi tattaaffiin daandichaa tajaajila isaa sadarkaa olaanaan ga’uudha jedhan.

Ulaagaa Idil Addunyaan tajaajilaa jiraachuu kan kaasaan Obbo Masfiin, tajaajila maamiltootaa fooyyessuuf tattaaffii taasifamuun dhaabbilee Idil Addunyaa garaagaraarraa beekkamtii argachaa jirachuu dubbataniiru.

Beekkamtiiwwan kennamiin kan dhaadhannuu miti jedhanii, rakkoolee xixiqqoollee sirreessuun Daandii Qilleensichaa daran guddisuuf kan hojjetamu ta’uu ibsaniiru.

Amalawarqi Damissoo fi Haayileyyesuus Mokonniniin

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.