Fana: At a Speed of Life!

Daandiin qilleensichaa imaltoota ‘Iid hanga Iid gara biyyaa’ jedhuuf % 20 hir’ina taasise

Finfinnee, Bitootessa 29, 2014 (FBC) – Waamicha gara biyyaa galuu guddicha kutaa 2ffaa kan ta’e ‘Iid hanga Iid gara biyyaa’ jedhuu fudhachuun lammiilee, dhalattootaa fi michuuwwan Ityoophiyaa gara biyyaa dhufaniif gatii tikeetti imalaa %20 har’isuu beeksiseera.

Bu’uruma kanaan imaltoota tikeetti isaanii baatii Faranjoota Eebila 6 hanga Eebila 21, 2022 kutuu fi imala isaanii Eebila 25 hanga Caamsaa 15, 2022tti mijeeffachuun carrichatti akka fayyadamaan ibseera.

Imaltoonnis erga gara biyyaa dhufanii booda sagantoota adda addaa qopha’aanirratti akka hirmaataniif ragaan Ejansii Diyaaspooraa Ityoophiyaarra argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.