Fana: At a Speed of Life!

Daandiin Qilleensichaa imaltoosaaf maaddii uumamaa biyya keessaa qooduu eegale

Finfinnee, Amajjii 29, 2013 (FBC)- Daandiin Qilleensa Ityoophiyaa imaltoosaaf maaddii uumamaa biyya keessaa qooduu eegaleera.
Daandii qilleensicha mata duree ‘Daandii Qilleensa Ityoophiyaan imalaa, maaddii uumamaa qoodadhaa’ jedhuun imaltoosaaf maaddii uumamaa biyya keessaa kan ta’an qooduu eegaluu beeksiseera.
Daandiichi oomishoota biyya keessatti oomishaman kanneen akka bunaa, dammaa fi akkasumas kuduraa fi muduraa kan ta’an galteewwan nyaata uumamaa maamiltootasaaf dhiyeessuuf qophaa’uusaa beeksiseera.
Dhaabbatichi muxannoo maaddii uumaamaa daandiileen Xiyyaaraa Idil-addunyaa kan biroo itti fayyadaman fudhachuun gara hojjitti seenuu ibseera.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna!
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.