Fana: At a Speed of Life!

Daandiin Qilleensichaa Dhaabbata Booyiingi waliin waliigaltee bittaa xiyyaarota 67 mallatteesse

Finfinnee, Sadaasa 4, 2016 (FBC)-Daandiin Qilleensa Itiyoophiyaa seenaa Aviyeeshinii Afrikaa keessatti olaanaadha kan jedhame Dhaabbata Booyiingi waliin waliigaltee bittaa xiyyaarota Jeettii 67 mallattesseera.

Bu’uura waliigaltichaan Daandiin Qilleensichaa xiyyaarota Booyiingi 787 Diriimlaayineer 11 akkasumas Booyingi 737 Max 20 kan bitu ta’uun ibsameera.

Kana malees Xiyyaroota Booyiingi 787 Diriimlaayineer 15 fi Booyingii 737 Max 21 dabalataan kan bituu ta’uun ibsamuu Daandiin Qilleensicha beeksiseera.

Waliigaltichas Hojii Rawwaachisaa Olaanaa Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaa Obbo Masfiin Xaasawu fi Dursaa Ittanaa Pireezidaantii Maarkeetingi Dhaabbata Booyiing Biiriid Maakmuulan mallatteessaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.