Fana: At a Speed of Life!

Daandiin qilleensichaa daa’imman 100 fi maatiisaaniif baasii imalaa kaffaluuf waliigaltee mallateesse

Finfinnee, Waxabajjii 9, 2014 (FBC) – Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaa daa’imman 100 kanneen dhibee onneen rakkataan Hindiitti wal’aanamuu qabanii fi maatii isaaniif baasii imalaa kaffaluuf sanada waliigaltee mallateesseera.

Daandiin qilleensichaa waliigaltecha kan mallatteesse, Ministeeraa Fayyaa, Waldaa Gargaarsaa Daa’imman Dhibamtoota Onnee fi Rotarii Ityoophiyaa waliin ta’uu eerameera.

Dirqama hawaasummaa isaa gama bahachuutiin Daandiin Qilleensa Ityoophiyaa, biyyaa keessatti daa’imman 100 kanneen wal’aansaa onnee baqaqsanii yaaluun ulfataa ta’uu eerame, akkasumas, dhukkubsachiistota dhibamtoota waliin imalan100’f baasii imalaa uwwisuuf waliigaluu ragaan daandii qilleensicharraa argame ni eera.

Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.