Daandiin qilleensichaa balallii guutummaatti dubartootan durfamu taasiisuufi
Finfinnee, Guraandhala 28, 2016 (FBC) -Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa guyyaa dubartootaa sababeeffachuun balallii guutummaatti dubartootan durfamu taasiisuuf ta’uu beeksise.
Balalliin guutumaan guutuutti dubartootan durfamu kun Finfinnee gara Landanitti kan taasiifamu ta’uu himeera.
Kaappiteen Qaalkidaan Girmaa fi jaallewwan ishee balallicha waloon kan gaggeessan akka ta’e eerameera.
Daandiin qilleensichaa Bara Faranjootaa 2015 eegalee waggaa waggaan guyyaa dubartootaa sababeeffachuun balallii dubartoota qofaan durfamu taasiisaa turuu Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaa Masfin Xaasaw eeraniiru.
Taarikuu Waldasanbatiitu gabaase.
#Oromiyaa #Ityoophiyaa
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.