Fana: At a Speed of Life!

Daandiin qilleensichaa balalii gara Chaayinaatti taasisu dabaluun tajaajila kan kennu ta’uu ibse

Finfinnee, Amajjii 3, 2015(FBC)- Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaa balalii gara Chaayinatti taasisu dabaluun tajaajilaa kan kennu ta’uu beeksiseera.

Daandiin qilleensicha duraan sababa weerara vaayirasii Koronaan uggura kaa’amee tureen balalii gara Magaalota Chaayinaatti taasisu hir’isuu yaadachiiseera.

Haa ta’uu malee, Chaayinaan uggura imalaa keesse kaasuu hordofee Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaa Bitootessa 1 irraa eegalee baay’ina balalii weerara vaayirasii koronaan duraa turee dabaluun tajaajila kan eegalu ta’uu ibsamuu CGTN gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.