Daandiin qilleensichaa baasii geejjibaa daa’imman wal’aansa dhibee onneef biyya alaatti imalan 100 nan uwwisa jedhe
Finfinnee, Sadaasa 26,2016 (FBC)- Daandiin qilleensaa Ityoophiyaa baasii geejjibaa daa’imman wal’aansa baqaqsanii yaaluu dhibee onneef gara biyya alaatti imalan 100 kan uwwisu ta’uu ibse.
Baasii wal’aansaafi turtii ammoo dhaabbanni Rootarii Ityoophiyaa kan uwwisu ta’uu ibsameera.
Daandiin qilleensichaa daa’imman wal’aansa baqaqsanii yaaluu dhibee onneef gara biyya alaatti imalan 4’f guyyaa har’aa gaggeessaa taasiseera.
Walitti qabaan boordii daandii qilleensichaa Girmaa Waaqeen sagantaa gaggeessaa kanarratti haasawaa taasisaniin, daa’imman baraaruun dirqama keenya jedhaniiru.
Saganticharratti Ityoophiyaatti Ambaasaaddarri Hindiifi Ofiisarri olaanaan Rootarii Ityoophiyaa argamaniiru.
Tigist Asmaamaawutu gabaase.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.