Fana: At a Speed of Life!

Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaa warshaa oomisha “Insulation blanket” eebbisiise

Finfinnee, Fulbaana 11, 2015 (FBC) – Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaa warshaa oomishaa qaama xiyyaaraa “Insulation blanket” Doolaara miiliyoona 6 oliin mooraa Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee keessatti ijaarsise eebbisiise.

Sagantaa eebbichaarratti Hoji Gaggeessaa Daandii Qilleensaa Ityoophiyaa Obbo Xaasawu Masfiin, Ityoophiyaatti Ambaasaaddara Xaaliyaanii Agostiinoo Paalsee fi qondaaltonnii hojii mootummaa biroon argamaniiru.

Obbo Xaasawu dhaabbata xaaliyaanii Jeevan Iskaay Teekinooloojii waliin waliigaltee taasisuun xiyyaaraa Booyingi 737-Maxiif kan oolu warshaa oomishaa “Insulation Blanket” dhugoomsuun akka danda’ame ibsaniiru.

Warshichi sharafaa alaa hambishuu fi carraa hojii uumuu lammiilee guddisuuf faayidaa akka qabu ibsaniiru.

Agostiinoo Paalsee gama isaaniin, Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaa dhaabataa Xaaliyaanii waliin akkataa waliigalteerraa ga’een warshicha dhugoomsuun walta’iinsaa Xaaliyaanii fi Ityoophiyaa dhugoomsa jedhan.

Fuuldurattis guddinaa fi badhaadhummaa Ityoophiyaa deeggaruun walta’iinsa faayidaa waloorratti bu’uureffate cimsitee akka itti fuftu himaniiru.

Maddi:TOI

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.