Fana: At a Speed of Life!

Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa tarminaala imaltoota biyya keessaa eebbisiise

Finfinnee, Caamsaa 10, 2016 (FBC) – Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa Tarminaala keessummeessa imaltoota biyya keessaa Doolaaraa miiliyoona 50 haaromsaa fi hojii babal’isuu gaggeessaa ture eebbisiiseera.
Tarminaalichi Ministirri Ministeera Turiziimii Ambaasaaddar Naasisee Caalii, Ministir Deetaan Ministeera Geejjibaa fi Loojistiksii Barahoon Hasan dabalatee bakka hoggantoonni mootummaa olaanaan biroo argamanitti eebbifameera.
Dhaabbanni Ijaarsaa Chaayinaa ‘CCCC’ jedhamu hojii haaromsaa fi babal’isuu kana raawwachuu eerameera.
Tarminaalli kun hojii eegaluun isaa tajaajila dhaabbatichi kennu caalmaatti si’ataa taasiisuuf qooda olaanaa qabaachuu Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaa Masfin Xaasaw eeraniiru.
Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa guyyaan balalliiwwan biyya keessaa 200 ol taasiisaa jiraachuu kaasaniiru.
Fiqirtee Kabbadaatu gabaase.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.