Fana: At a Speed of Life!

Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa Finfinnee gara Firiitaawonitti kallattiin balallii eegale

Finfinnee, Caamsaa 23, 2016 (FBC) – Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa Finfinnee gara Seraaliyoon Firiitaawonitti kallattiin balallii eegaleera.
Daandiin qilleensichaa torbeen yeroo 3 kallattiin gara Firiitaawonitti balallii taasiisuuf har’a ifatti eegaleera.
Har’a kallattiin gara Firiitaawonitti balallii eegaluun Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa, Afrikaa Geejjibaan walitti hidhuu hojii eegalee cimsee itti fufuu agarsiiftuu ta’uu Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Daandii Qilleensichaa Obbo Masfin Xaasaw eeraniiru.
Balallichi hariiroo biyyoota lamaanii caalmaatti kan cimsu ta’uus kaasaniiru.
Hayilayesuus Siyyuumtu gabaase.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.