Fana: At a Speed of Life!

Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa fi Daandiin Qilleensaa Itihaad tumsaan hojjechuuf waliigalan

Finfinnee, Bitootessa 10, 2017 (FMC) – Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa fi Daandiin Qilleensaa Itihaad dhimmoota tumsaan hojjechuuf dandeessisanirratti har’a Finfinneetti waliigaltee mallatteessaniiru.

Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Daandii Qilleensa Itiyoophiyaa obbo Masfin Xaasew fi Hoggantoonni Olaanoon Daandii Qilleensaa Itihaad waliigalticha mallatteessaniiru.

Akkaataa waliigaltichaan Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa har’a Finfinnee gara Abuu Daabii balallii kallattii kan eegalu ta’uu ragaan Daandii qilleensichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.