Fana: At a Speed of Life!

Daandiin Qilleensa Ityoophiyaa yeroo rakkisaa keessattis bu’a qabeessumaasaa itti fufuu ibsame

Finfinnee, Gurraandhala 22, 2014 (FBC) – Gareen Daandii Qilleensa Ityoophiyaa yeroo rakkisaa keessattis bu’a qabeessumaasaa itti fufuu ibsame.

Gamaggamni raawwii hojii walakkaa waggaa daandichaa guyyaa haraa Ministeera Maallaqaa fi Bulchiinsa dhaabbilee misooma Mootummaan gamaggamameera.

Dhaabbatichi dhaabbilee dorgomtoota waliin walbira qabamee yoo ilaalamu guddina olaanaa agarsiisuu fi bu’a qabeessummaan isaa haala rakkisaa yeroo ammaa keessallee itti fufuu Ittaanaan hojii raawwachiisaa olaanaa dhaabbatichaa obbo Isaayyaas Waldamaariyaam ibsaniiru.

Dhaabbatichi hojiimaata baasii hirdhisuu hojiirra oolchuun baatiiwwan 6 darbanitti Doolaara miiliyoona 608 baasiirraa baraaruu fi tajaajila qindaa’aa kennuun itti quufiinsa maamiltootasaa %72’n ga’uu eeraniiru.

Gamaggamicha kan gaggeessa Ministirri Ministeera Maallaqaa obbo Ahimad Shiiden gamasaaniin yeroo ammaa daandileen qilleensaa hedduun haala rakkisaa keesa yoo jiraataniyyuu bu’aan Gareen Daandii Qilleensa Ityoophiyaa galmeessise kan dinqisiifatamu ta’uu eeraniiru.

Raawwii boonsaa daandichi tajaajila meeshaalee geejjibsiisuun argamsiise cimee itti fufuu akka qabu yaadachiisuu isaanii ragaan Ministeera Maallaqaarraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.