Fana: At a Speed of Life!

Daandiin Qilleensa Ityoophiyaa tajaajila fe’umsaa fi loojastiiksitiin badhaasa idil addunyaa kan waggaa moo’ate.

Finfinnee, Gurraandhala 27, 2012 (FBC) – Daandiin Qilleensa Ityoophiyaa tajaajila fe’umsaa fi loojastiiksitiin badhaasa idil addunyaa kan waggaa moo’ate.

Dhaabbatichi waldorgommii Hind Muumbaayitti gaggeeffameen moo’achuun isaa himameera.

Hojii indaastirii xiyyaara fe’umsaatin sadarkaa idil addunyaatti dorgomaa fi si’ataa taasisuuf hojjeteen badhaasa kana akka mo’atedha kan himame.

Badhaasni kun daandiin qilleensichaa sadarkaa Afrikaa fi kutaa addunyaatti tajaajila fe’umsaa fi loojastiikiin hojiin hojjetaa jiru olaanaa ta’uu isaa kan mirkaneesse akka ta’e hojii raawwachiisaan Daandii Qilleensa Ityoophiyaa obbo Tawaldee Gabramaariyaam ibsaniiru.

Beekamtiin kun caalmaatti hojjechuuf onnachiiftuu gaariidha jedhan.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.