Fana: At a Speed of Life!

Daandiin Qilleensa Ityoophiyaa magaalota Chaayinaa 3tti balallii haaraa eegaluufi

Finfinnee, Amajjii 4, 2012 (FBC) – Daandiin Qilleensa Ityoophiyaa magaalota Chaayinaa 3ttii balalii haaraa eegaluufi jedhame.

Balaliin haaraan kun gara magaalota Choongikiing, Sheenizheenii fi Zhiinigizhuun akka ta’e ogeessi koominikeeshinii Daandii Qilleensa Ityoophiyaa obbo Daawiit Tamasgeen dubbataniiru.

Balalii kana eegaluuf eeyyamni gaafatamuu kan ibsan obbo Daawiit, yeroo eeyyamni laatameefitti ayyaana Qillee booda balallii ni eegala jedhan.

Dabalataan Daandiin Qilleensa Ityoophiyaa magaalota kanneen akka Guwaanzhiitti guyyaatti yeroo lama tajaajila balalii taasisuuf karoorfachuu isaa dubbataniiru.

Daandiin Qilleensichaa waayita ammaa Finfinneerraa gara Guwaanzhii fi Beejingitti guyyaan balallii ni taasisa.

Akkasumas torbanitti yeroo 3 gara magaalaa Cheengiiduu balallii kan taasisu ta’uun ibsameera.

Maddi:- Shinwaa

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.