Fana: At a Speed of Life!

Daandiin Qilleensa Ityoophiyaa balallii biyya keessaa gara Kaaba biyyattiitti har’a taasisuuf ture haqe

Finfinnee, Bitootessa 6, 2012 (FBC) – Daandiin Qilleensa Ityoophiyaa Bitootessa 6, 2012 imala biyya keessaa gara Kaaba biyyattiitti taasisuuf ture haquu beeksiseera.
 
Daandiin qilleensichaa sababa haala qilleensan balallii gara Maqalee, Goondar, Aksuumii fi Shireetti har’a taasisuuf ture haquu isaa ibseera.
 
Odeefannoo haala qilleensaa imalaaf mijataa ta’e Eejansii Raaga Qilleensaa Biyyaaleessarraa yeroo argate balallii kan itti fufu ta’uu ibseera.
 
Haalli qilleensaa kun guyyoottan lamaan itti aana kan itti fufu ta’uu Eejansichi beeksiseera jedhame.
 
Daandiin qilleensichaa guyyaa balalliin eegalu maamiltootaaf kan beeksisu ta’uu ibsuun, dhamaatii maamiltootarra ga’eef dhiifama gaafateera.
 
Maddi:-TOI
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.