Fana: At a Speed of Life!

Daandiin Qilleensa Ityoophiyaa badhaasa 2022 APEX injifate

Finfinnee, Waxabajjii 7, 2014 (FBC) –Daandiin qilleensa Ityoophiyaa badhaasa filannoo imaltootaa “2022 APEX Regional Passenger Choice” jedhamu injifate.
Daandichi tajaajila keessummeessuu filataamaa jedhamuun badhaasicha argateera.
Sirni badhaasichaa Ayerlaand, Dubliinitti kan gaggeeffame yoo ta’u, imaltootaaf tajaajila garagaraa kennuudhaan, muuxannoo bashannansiisaa, kunuunsa taasisaa imaltoota keessummeessu filatamaa ta’uun badhaasicha akka injifatu taasiseera.
Daandiiwwan qilleensaa naannawaa garaagaraatiif muuxannoo imaltoota deddeebisuu filatamaadhaan yaadaa imaltoonni kennan irratti hundaa’uun badhaasichi kan kenname.
Badhaasa kanaarratti indaastiriiwwan geejiba qilleensaa sadarkaa eeggachuun tajaajila kennan daandiiwwan qilleensaa 600 irratti imaltooonii miiliyoona tokko ol yaada kennu ragaan daandii qilleensichaarraa argamee ni mul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.