Fana: At a Speed of Life!

Daandiin Magganaanyaa gara Boolee fudhatu Hospitaala Hayaatiin booda boruu eegalee tajaajila Tiraafikaaf cufaa ta’uu ibsame

Finfinnee, Waxabajjii 21, 2016 (FBC) – Daandiin Magganaanyaa gara Boolee fudhatu Hospitaala Hayaatiin booda boruu eegalee tajaajila Tiraafikaaf cufaa ta’uu Abbaan Taayitaa Manaajimantii Tiraafikaa Magaalaa Finfinnee beeksise.

Sababa hojiilee misooma kooridaraa hojjetamaa jiruun daandiin kun yeroo hin murtoofneef tajaajila Tiraafikaaf cufaa ta’uu himeera.

Daandichi Hospitaala Haayiitii eegalee tajaajilichaaf cufaa ta’uu fi yeroo gabaabaa keessatti tajaajilaaf banaa taasiisuuf xiyyeeffannoo addaan hojjetama jedhame.

Ganama sa’aatii 12:00 eegalee halkan dabalatee tajaajila Tiraafikaa kamiifiyyuu cufaa ta’uu himeera.

Jiraattoonni magaalichaa dhamaatii yeroo sababa misoomaaf mudataa jiruuf obsa agarsiisaniif galateeffateera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.