Fana: At a Speed of Life!

Daandiin keessoo Amboo waggaa afuriin dura eegalame hin xumuramne

Finfinnee, Muddee 9, 2012 (FBC) – Daandiin aspaaltii keessoo magaalaa Amboo waggaa afuriin dura eegalame amma ammaatti hin xumuramne.

Daandichi baajata Birrii miiliyoona dhibba 5 fi miiliyoona 32 eegalame ture.

Jiraattonni akka Faanaa Broodkaastiing Koorporeetitti himanitti, daandichi kallattiiwwan 6n daandii horaatin walqunnamsiisa jedhameet ture.

Hojii ijaarsa daandichaa kan fudhate hoji gaggeessaan Gamshuu Bayyanaa Koonistiraakshin obbo Oliyaad Tafariin harkifannaa ijaarsa daandichaatif itti gaafatamuu kan qabu hojjechiisadha jedhu.

Daandichi kiilo meetira 15 kan uwwisu yammuu ta’u, marsaalee ijaarsaa 6n keessaa hojiin daangaa kabachiisuu kan hojjetamu lama qofaafi.

Kantiibaan magaalichaa obbo Tarrafaa Badhaadhaan gama isaanitiin harkifannaa kanaaf itti gaafatamuu kan qabu hoggansa duraati jedhu.

Kiilo meetirri 10 qophii ta’eera; kana keessaa kiilo meetirri 7.5 ikoontiraaktarichaaf dabarfameera jedhu.

Duursaan garee bulchiinsa koontiraataa Abbaa Taayitaa Daandiiwwanii Oromiyaa obbo Wandee Dassaalany, daandichi dhuma bara baajatichaatti xiyyeeffannaa bulchiinsa magaalichaa dhabuu himu.

Haaylayyasuus Makoonnantu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.