Fana: At a Speed of Life!

Daandiin Godina Arsii aanaalee Zuwaay Dugdaa fi Heexosaa walquunnamsiisu ciccituun rakkachaa jiraachuu jiraattoonni komatan

Finfinnee, Hagayya 15, 2013 (FBC)- Daandiin Godina Arsii aanaalee Zuwaay Dugdaa fi Heexosaa walquunnamsiisu ciccituun rakkachaa jiraachuu jiraattoonni aanaalee kanneenii komataniiru.
Daandiin magaalaa aanaalee lamaanii Ogolchoo fi Ityayyaa Wal qunnamsiisun ciccituu isaani hawaasn aanaalee kanneenii rakkoo hawaas diinagdee saaxilamuu ibsameera.
Imaltootaa fi abbootii konkolaattotaarra miidhaan ga’aa jiraachuu ibsameer.
Daandiin kun kiiloomeetira 50 kan dheeratu yoo ta’u, erga hojjatamee waggoota 8 lakkoofsisera.
Yeroodhaan suphamuu dhabuun isaa rakkoo kana qaqqabsiisuu ibsameera.
Suphaa daandichaaf jiraattoota aanaa Heexosaarra maallaqni walitti sassaabamus maallaqichi eessa akka ga’e hin beekkamu jedhame.
Daandiiwwan rakkoo wal fakkaataa qaban yeroo dhiyotti suphuuf karoorfachuu Abbaan Taayitaa Godinichaa ibseera.
Suphaa daandii kanaaf baajanni Birrii miiliyoonni 3 qabamuu himeera.
Maallaqni suphaa daandichaaf hawaasarraa walitti qabame Proojektoota biroof ooluu Abbaan Taayitaa Daandiwwanii Aanaa Heexosaa ibseera.
Jamaal Gandootu gabaase.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.