Fana: At a Speed of Life!

Daandiin Geejjiba Baaburaa Awaash-Kombolchaa-Waldiyaa %93’rra ga’e

Finfinnee, Sadaasa 18, 2016 (FBC)- Ijaarsi daandiin geejjiba baaburaa Awaash-Kombolchaa-Waldiyaa %93’rra ga’uu Koorporeeshiniin Geejiba Baaburaa Itiyoophiyaa beeksise.

Koorporeeshinichi karoora bara baajataa 2016 fi raawwii kurmaana jalqabaa Koree Dhaabbii Dhimmoota Dhaabbilee Misoomaa Mootummaan Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataan gamaaggamameera.

Hoji Raawwachiisaa Ittaanaan Damee Misoomaa fi Bizinasii Koorporeeshinichaa Injiinar Geetuu Gizaawu gama isaaniin, waraana kutaa Kaabaa biyyattii tureen qabeenyarraan hannii raawwatamuu fi mancaatiin qaqqabuun hojicha akka gufachiise himan.

Yeroo ammaas qabeenya hedduu deebisiisuun waan danda’ameef ijaarsa pirojektii daandi Awaash-Kombolchaa-Waldiyaa xumuruuf hojjetamaa jira jedhaniiru.

Sababa idaa fi dhala liqiin pirojektootaa dhaabbatan hojiitti akka deebi’aniif korichi tumsa akka taasisu gaafatameera.

Pirojektota haaraa babal’isuufis filmaatawwan faayinaansii biroo fayyadamuu fi damee dhuunfaa hirmaachisuun pirojektoota biroo gaggeessuuf karoorfamuunis ibsameera.

Sararri Daandii Baaburaa Itiyoophiyaa kiiloo meetiraa 656 qaqqabuun kan eerame yoo ta’u, fuulduratti kiiloo meetira kuma 1 fi 266’n ga’uuf karoorafamuun ibsameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.