Fana: At a Speed of Life!

Daandiin Boolee bu’uuraalee misoomaa ammayyaa’oo hammatee injifannoo dabalataan xumurameera-Aadde Adaanech Abeebe

Finfinnee, Adoolessa 25, 2016 (FBC)- Karaa Seensa Afrikaa,Itoophiyaa fi Finfinnee kan ta’e hojii misooma kooridarii daandii Boolee sadarkaa magaalattii madaaluun bu’uura misoomaa ammayyaa’aa hammatee gammachuu fi injifannoo dabalataan xumuramuu Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeeben ibsan.

Aadde Adaanech gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin, daandiilee konkolaataa, miilaa, biskileetii, paarkiingii, iddoo yaabbii/buusaa taaksii fi Awutoobisii, bakka bashannaanaa ummataa, bakkeewwan magariisaa, faawunteeniiwwan, iddoowwan qulqullina ummataa akkasumas halluu fi ifaa pilaanii magaalaa magaalattii haala eegeen miidhaginaan ijaaruun tajaajila ummataaf banaa ta’uu ibsaniiru.

Hojiin kuni akka milkaa’uuf qaamoleen tumsa taasisaa turan, keessumaa haalaa imaltootaa miilaaf mijatuun gamoowwan haaroomsuun tumsa kan taasisaan abbootiin gamoo, hoggantootaa hojicha sa’aatii 24 qindeessan, Kontiraaktaroota, Gorsitoota, hojjattoota humnaa fi jiraattota magaalaatti galateeffataniiru.

Bu’uura misoomaa akkanatti miidhagee ijaarame kana jiraattonni magaalaa keenyaa humnoota nageenya waliin ta’uun miira abbummaatiin akka kunuunsan akka eegan waamicha dhiyeessaniiru.

Finfinneen akka maqaa ishee miidhagduu fi abaaboo taasisuuf ciminaa fi amantummaa olaanaan tajaajiluu itti fufna jedhaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.