Fana: At a Speed of Life!

Daandiin Baaburaa magaalaa Finfinnee erga hojii eegalee yeroo 550f miidhan irra qaqqabeera jedhame

Finfinnee, Waxabajjii 18, 2013 (FBC) – Daandiin Baaburaa Salphaan magaalaa Finfinnee erga hojii eegalee konkolaattootan yeroo 550f miidha irra qaqqabuu ibsameera.
Sarara Xoor Hayilochii hanga Ayyaatirra irra deddeebiin konkolaattoonni dallaa daandichaa cabsuun sararoota humnarraa miidhaa qaqqabsiisuu ibsameera.
Guyyaa har’aa naannoo Uraa’eeliitti konkolaataan manaa Viitiz jedhamu sarara daandichaa cabsee seenuu hojii gaggeessaa olaanaan Daandichaa obbo Muluuqan Asaffaan Faanaa Broodkaastiingi Korporeetiif ibsaniiru.
Sababa kanaaf tajaajjilli geejjiba baaburaa naanoo sa’aatii 3:00f adda citee turuu himaniiru.
Yeroo ammaa sararichi tajaajila laachuu itti fufu eeraniiru.
Balaa qaqqabeen hanga ammaatti miidhaan lubbuu namarraa qaqqabe kan hin jirre ta’uu ibsaniiru.
Sisaay Geetinatiitu gabaase.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraamahttps://t.me/afanoromofana
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.