Fana: At a Speed of Life!

Daandiin Aspaaltii Shaambuu – Baakkoo tajaajilaaf banaa ta’e

Finfinnee, Eebila 30, 2012 (FBC) – Dhiha Oromiyaatti ijaarsi daandii Aspaaltii Shaambuu – Baakkoo xumuramuun tajaajilaaf banaa ta’uu ibsame.
 
Daandichi Kiiloo meetira 60.2 kan dheeratu yoo ta’u, ijaarsa isaaf Birrii miiliyoonni dhibbi 9 fi miiliyoonni 93 fi kumni 280 ol ba’ii itti ta’eera.
 
Daandichi magaalaa keessatti Meetira 19, baadiyyatti ammoo meetira 10 bal’ina qaba jedhameera.
 
Dhaabbata ijaarsaa idila addinyaa Chaayinaa CGC Oovarsiis jedhamuun hojiin isaa gaggeefame.
 
Ijaarsi daandichaa deeggarsa maallaqaa Baankii Arabaa, dhaabbata OFeedinii fi baajataa mootummaa Ityoophiyaan kan uwwifame yoo ta’u, Godina Horroo Guduruu Wallaggaa fi aanaalee Dhiha Shawaa walqunnamsiisa jedhame.
 
Guddina diinagdee fi hawaasummaa jiraattoota naannawaa kanneefi shoora olaanaa qabaachuu isaa ibsameera.
 
Dabalataan bu’aa oomishaalee Warshaa Sukkaaraa Fincaa’aa qaxxaamuraan gabaa giddu galeessaaf dhiyeessuuf tajaajila guddaa kan laatu ta’uu Ragaan Abbaa Taayitaa Daandiwwanii Ityoophiyaarraa argame ni muul’isa.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.