Fana: At a Speed of Life!

Daandii Qarree Gohaa Dajan geessu boru tajaajila eegalchiisuuf hojjetamaa jira

Finfinnee, Hagayya 12, 2013 (FBC) – Sababa sigiga lafaan daandii Qarree Gohaa Goojjama geessu cufamee ture guyyaa boru walakkaan tajaajila eegalchiisuuf hojjetamaa jiraachuu Abbaan Taayitaa Daandiwwanii beeksiise.
 
Daandii guddaan ba’umsa Salaaleen gara Goojjam geessu sababa sigiga lafaan Jimaata darbee eegalee tajaajila dhaabuun isaa kan yaadatamuudha.
 
Jigoo daandicha cufe kaasuuf yeroo tokkotti dimaamitii 20 fayyadamuun yeroo 10 oliif Dimaamitii dhoosuun banuuf hojjetamaa jiraachuu ibsameera.
 
Yeroo ammaa Jigoo daandicharra jiru % 75 hir’isuun danda’ameera.
 
Sigigni dabalataa yoo hin muudannee haala amma jiruun hanga guyyaa boruutti daandii konkolaataa 1 dabarsuu danda’u banuuf tattaaffiin taasiifamaa jiraachuu Abbaa Taayitichaa ibseera.
 
Daandichi tajaajila laachuu wayita eegale Abbaan Taayitichaa tajaajilamtootaf kan ifoomsu ta’uu beeksiiseera.
 
Hayilayesuus Siyyuumtu gabaase.
 
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.