Fana: At a Speed of Life!

Daandii misoomaa eegalle itti fufsiisa jirra-Obbo Awwaluu Abdii

Finfinnee, Qaammee 5, 2016 (FBC)- Aggammii garaagaraa qolachuun daandii misoomaa eegalle itti fufsiisa jirra jedhan Itti Aanaan Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdiin.

Gamoon tajaajila Waliigalaa Bulchiinsa Magaala Adaamaa bakka Obbo Awwaluu Abdii fi qondaaltonni biroon argamanitti eebbifame.

Sirna ebbichaarratti Obbo Awwaluun akka jedhanitti, aggammii garaagaraa qolachuun daandii misoomaa eegalle itti fufsiisa jiraachuu fi pirojektoota xumuruun bu’aa rifoormii ta’uu himan.

Ijaarsii gamichaa yeroo gabaabaa keessatti xumuramuu kaasanii, tajaajila si’ataa fi ariifachiisaa kennuu keessatti gahee olaanaa bahachuu qabas jedhaniiru.

Waltajjicharratti qaamolee ijaarsa gamichaaf gumchaaniif beekamtii kennaniiru.

Hirphoo Shibootu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.