Fana: At a Speed of Life!

Daandii konkiriitii asfaaltii godina Horroo Gudduruu Wallagaa Baakkoo -Shaambuu har’a ifatti ebbifame

Finfinnee, Gurraandhala 7, 2013 (FBC)- Muummeen Ministira FDRI Dooktar Abiy Ahimad daandii konkiriitii asfaaltii godina Horroo Gudduruu Wallagaa Baakkoo – Shaambuu har’a ifatti ebbisiisaniiru.
Ijaarsi daandii konkiriitii asfaaltii Baakkoo-Shaambuu deeggarsa Baankii Misooma Arabaa Afrikaa taasisee fi baajata mootummaa federaalaa irraa argamee kan ijaarame.
Ijaarsi daandiicha baasii Birrii biiliyoona 1 tti siquun raawwatameera.
Sirna eebbaa kanarratti MM Dooktar Abiy Ahimad dabalatee Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makonniinii, preezdaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaaa fi Giiftii Dureen Ityoophiyaa aadde Zinnaash Taayyachew argamaniiru.
Ijaarsi Daandii konkiriitii asfaaltii Baakkoo-Shaambuu kiilo meetira 60.2 kan dheeratu yoo ta’uu, ijaarsiisaa bara 2008 kan eegalee.
Gama biraatin proojaktii daandii Shaambuu –Agamasaa eegalchisuuf dhagaan bu’uraa ka’ameera.
Ijaarsa daandichas deeggarsa baajata Baankiin Misoomaa Arabaa Afrikaan taasisuufi baajata mootummaa federaala Birrii biiliyoona 1 fi miliyoonaa 80n kan hojjetamu ta’us himameera.
Ijaarsi proojektii daandiii asfaaltii Shaambuu, Hammuru -Agamsaa kiilo meetira 95 yoo ta’u, dhabbataa ijaarsa daandii Chaayinaa “Shaamdam” jedhamun hojjetama jedhameera.
Ijaarsi daandiichaa waggaa 3 fi baatii 6 keessaatti ni xumuramaan eegama.
Gammachuu Beekumatu gabaase
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Appilikeeshinii Faanaa Broodkaastiing Koorporeet https://play.google.com/store/apps/details… bilbila sochootuu keessanirratti fe’achuudhan Televiizhinii Faanaa, FM Finfinnee 98.1 fi Raadiyoo Biyyoolessaa hordofaa.
Viidiyoowwanis daawwadhaa.
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.