Daandii Hayyummaa Obbo Bulchaa Dammaqsaa
Finfinnee, Mudde 28, 2017 (FMC)- Hayyootaa fi Gameeyyii dacheen Boojjii Dirmajjii biqilchite keessa Obbo Bulchaa Dammaqsaan isaan tokko.
Obbo Bulchaan Wayita Paarlaamaatti miseensa turan guyyaa isaan “Kabajamoo Afyaa’ii” jedhaanii Afaan Oromootiin afaan saaqqatan, miseensonni biroon hiikkaa isa dhaggeeffachuuf dhaaggeeffattuu yoo butataan, Ummataa Oromoo garuu gammachuun garaa garagale ammallee qillisa yaadannnooti.
Qaanqee dhalootaati; Awwaattuu beekumsaati.
Obbo Bulchaa Dammaqsaan Godina Wallaggaa Lixaa Aanaa Boojjii Dirmajjiitti Abbaa isaanii Obbo Dammaqsaa Sanbatoo fi haadhaa isaanii Aadde Naasisee Sardaarraa irraa dhalatan.
Maatii isaanii ilma tokkichaa fi 4ffaa kan ta’an obbo boulchaan, barnootaa isaanii sadarkaa jalqabaa Gimbiitti, sadarkaa 2ffaa mana barnootaa Adiveentistii Kuyyaraatti hordofaniiru.
Yuunivarsiitii Finifnneetti barnoota isaanii digiraa jalqabaa damee diinagdeen qabxi olaanaan eebbifamiiru.
Qabxii olaanaan waan eebbifamaniif Yuunivarsiitii Koorneelitti carraa barnoota argachuunillee barnoota isaanii yuunivarsiitii Itiyoophiyaanonni hedduun argaman Yuunivarsiitii Siiraakiyuuzitti jijjiiramuun damee barnoota diinagdeen hordofuun Digirii 2ffaa xumuruun gara biyya isaaniitti deebi’aniiru.
Ga’umsa barnoota isaaniin argisiisaniin Yuunivarsitichatti badhaafamaa addaa turan.
Addunyaa hojii isaanii barsiisummaan kan eegala yoo ta’u, barnoota isaanii biyya alaatti hordofaa utuu jiraanii Ministeeraa Maallaqaarraa waamichi taasifamuufiin Waajjira Ministirichaatti Daayrektara Baajataa, Ministira Gargaraa akkasumas Ministira Itti Aanaa ta’uun waggoota torbaaf tajaajilaniiru.
Itti fufuun Sagantaa Misooma Mootummoota Gamtoomanii fi Baankii Addunyaa keessatti Biyyoota Afrikaa 20 bakka bu’uun tajaajilaniiru.
Obbo Bulchaan Hayyuu Diingdee ta’uun garasitti biyyattiitti Diimookiraasiin akka aadeefatamuuf Addunyaa siyaasaatti makamuun ashaaraa isaanii ka’aniiru.
Ejjennoo isaaniitti cichoo, dhugaarraa kan hinmittiqne Obbo Bulchaan maatii hundeeffachuun abbaa ijoollee ja’aa turan.
Obbo Bulchaa Dammaqsaan har’a Mudde 28, 2017 du’aan addunyaa kanarraa boqotanillee, maqaan, seenaan, hayyummaan isaanii fi gumaachi biyyaaf taasisan boollaa oli.