Fana: At a Speed of Life!

Daandii Baakkoo-Shaambuurratti balaan sigiga lafaa mudate

Finfinnee, Hagayya 5, 2013 (FBC)- Daandii Baakkoo-Shaambuurratti balaa sigiga lafaa mudatee hordofee rakkoo tiraafikaa mudatee furuuf hojjetamaa jiraachuu ibsame.

Gosti biyyee naannichi qabu sigiga lafaaf saaxilaa ta’uun akkasumas tibba kana roobaa cimaa roobee hordofee Baakkoorra fageenyaa kiiloo meetira 26 irratti iddoowwan sadiitti balaan kun qaqqabuudha kan ibsame.

Kanarratti hunda’ee naanniichatti rakkoo tiraafikaa mudateera.

Rakkicha furuufis yaa’insaa tiraafikichaa bakkatti deebisuuf abbaan Taayitaa Ityoophiyaa suphaa aarifachiisaa taasisaa jira jedhameera.

Maddi:-Abbaa Taayitaa Daandiiwwan Ityoophiyaa

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.