Fana: At a Speed of Life!

Daandichi meeshaalee suphaa xiyyaaraa hojjechuuf waliigaltee waggoota 15 mallatteesse

Finfinnee, Amajjii 27, 2012 (FBC) – Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaa hojiilee suphaa xiyyaaraa hojjechuuf Garee Invastimantii Saanaad waliin waliigaltee waggoota 15 mallatteessera.

Dhaabbata kana waliin hojiilee suphaa walitti hidhamiinsaan hojjechuf waliigaluu isaanii hoji raawwachiisaa olaanaan Daandii Qilleensaa Ityoophiyaa obbo Tawaldee Gabramaariyaam ibsaniiru.

Waliigalteen waggoota 15f turu kunis bu’aa konfaransii ayiveeshiinii Afrikaa ta’uu himan.

Hojiin suphaa gamtaan gaggeeffamu kun muuxannoo teeknooloojii guddisuu fi fooyyeessuuf kan gargaaru ta’uu obbo Tawaldeen dubbataniiru.

Walitti hidhamiinsa Afrikaaf isa jalqabaa kan ta’e kanatti gammaduu isaanii hoji raawwachiisaan olaanaan Saanaad Mansuur Janhaddiin himaniiru.

Haaylayyasuus Makoonnintu gabaase.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.