Fana: At a Speed of Life!

Daandichi fudraa fi mudraa Taanzaaniyaa gabaa Awrooppatiif dhiyeessufi

Finfinnee, Eebila 12, 2012 (FBC)- Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaa oomisha fudraa fi mudraa Taanzaaniyaa gabaa Awrooppatiif dhiyeessufi.

Daandichi balalii torbeetti si’a sadi taasisuuni oomishicha gabaa Awrooppatiif kan dhiyeessu.

Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaa oomishicha akka dhiyeessu kan taasifame tumsa Waldaa Hoortiikaalchara Taanzaaniyaa fi Dhaabbata Misoomaa Eerpoortota Kiilimaanjaarotiini.

Haaluma kanaan daandichi torbeetti si’a sadi gara buufata xiyyaaraa Kiilimaanjaarootti balaluun, oomishicha gabaa Awrooppatiif ni dhiyeessa.

Daandichi hojiisaa kana Jimaata darbe eegaluu Za Indippeendant gabaasera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.