Fana: At a Speed of Life!

Daa’immanii fi maatii harka qalleeyyiif deeggarsi taasifame

Finfinnee, Eebila 24, 2012(FBC)- Biiroon Dhimma Hojjetaa fi Hawaasummaa Oromiyaa daa’imman daandirraa walitti qabamaniif deeggarsa taasise.
 
Biiroon Dhimma Hojjetaafi Hawaasummaa Oromiyaa daa’imman daandiirraa walitti qabaman 498 ta’aniif magaalaa Adaamaatti deeggarsa uffataa taasiseera.
 
Magaalaa Adaamaatti daa’imman 600 ol adda baasuun kunuunsi taasifamaafii jiraachuu himameera.
 
Ministeerri Dubartootaa,Daa’immanii fi Dargaggootaas namoota 300 ol ta’aniif sagantaa maaddii qooddachuu guyyaa kaleessaa gaggeessera.
 
Ministeerichi Sooma Ramadaanaa sababeeffachuun Emireetoota Araba Gamtoomanii waliin ta’uun maatii harka qalleeyyii fi daa’immaniif deeggarsa taasiseera.
 
Aadaan walgargaaruu fi walii yaaduu yeroo kanatti daraan cimuu akka qabu Ministirri Ministeera Dubartootaa, Daa’immanii fi dargaggootaa aadde Fiilsan Abdullaahiin Fuula Feesbuukii isaaniin ibsaniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.