Fana: At a Speed of Life!

‘Daa’imman deeggaruun egeree ijaaruudha – BDhDDO

Finfinnee, Hagayya 23, 2014 (FBC) – Biiroon Dhimma Dubartootaafi Daa’immanii Oromiyaa daa’imman maatii harka qalleeyyii deeggaruuf seektaroota waliin hojii tajaajila lammummaa eegale.
Biiroon Dhimma Dubartootaafi Daa’immanii Oromiyaa dhaadannoo “Daa’imman deeggaruun egeree ijaaruudha” jedhuun sosochii kenna Tajaajila Lammummaa gannaatin daa’imman maatii harka qalleeyyii deeggaruuf seekteraalee mootummaa waliin hojii eegaleera.
Itti aantuu Hoggantuun Biiroo Dhimma Dubartootaafi Daa’immanii Oromiyaa Aadde Sarkaalam Saakumeen, biirichi daa’imman harka qalleeyyii deeggaruuf qarshii mil.7 ol walitti qabuuf karootfatee hojjachaa jiraachuu himaniiru.
Sosochiin tajaajila lammuummaa kun guyyoota 5’f Godinaalee, Magaalotaafi Aanaalee Oromiyaa hunda keessatti kan itti fufu ta’uu ibsaniiru.
Biirichi bara kana daa’imman harka qalleeyyii mil.2.5 deeggaruuf xiyyeeffannoon hojjachaa jiraachuus ibsaniiru.
Deeggarsa Biirooleen Naannoo Oromiyaa taasisan harkaa fuudhinsi meeshaalee fi deeggarsa taasisanii taasifameera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.