Daa’immaan mudawwan waliin akka hin dhalanne wayita ulfaa hordoffii barbaachisu taasisuun dirqama haadholii fi qaama hundaati – BFO
Finfinnee, Bitootessa 2, 2017 (FMC) – Daa’immaan mudaawwan waliin akka hin dhalanne wayita ulfaa of eeggannoo fi hordoffii barbaachisu taasisuun dirqama haadholii fi qaama hundaa ta’uu Biiroon Fayyaa Oromiyaa ibse.
Yaala daa’imman mudaa waliin dhalataniif tibbana duulaan gaggeeffameen daa’imman 286 tajaajila yaalaa argachuu himeera.
Daa’imman dhibee Baqaquu Hidhii, Baqaquu Laagaa, Hookkoo/ jallina miillaa, kuufama dhangala’aa sammuu fi dugdaa, akkasumas mudaa narvii dugdaa waliin dhalataniif duulaan yaalli kennamuu Biiroo Fayyaa Oromiyaatti Dursaan garee Tajaala Ispeeshaalitii fi Riihabiliteeshinii Obbo Abdii Raggaasaan Faanaa Diijitaaliif himaniiru.
Kunuunsa, hordoffii ulfaa fi ofeeggannowwan yeroo ulfaa haati tokko gochuu qabdu hunda yoo taasifame rakkoo kana hir’isuun kan danda’amu ta’uu Obbo Abdiin ibsaniiru.
Yaalli kun Dhaabbilee muraasa keessatti dhaabbiin waan kennamuuf ammas hawaasni daa’imman rakkoo kana qaban gara Dhaabata fayyaa itti dhihaatutti geessuun yaalchisuu qabu jedhan.
Sosochii fi duula Guraandhala 23 – 28, 2017tti gaggeeffameen hanga tokko hubannoo uumuun danda’amus sababa adda addaan daa’immaan carraa kana hin arganne hedduun jiraachuu eeraniiru.
Dhibicha irraa yaalamanii fayyuun waan danda’amuuf maatiin daa’imman yaalchisuun dirqama isaanii akka bahan ergaa dabarsaniiru.
Siifan Magarsaatu gabaase.