Fana: At a Speed of Life!

Daa’ima Waggaa Kudhanii Hojii Qonnaan Jiraatu

Finfinnee, Sadaasa 26, 2012 (FBC) – lammiileen biyyoota garagaraa addunyaarra jiraatan sadarkaan diinagdee mataa isaanii fi mala jireenyaa ni qabaatu.

Bu’uruma kanaan maatiin jireenya mataa isaanii gaggeessuun daa’imman isaanii sadarkaa gaarii irra akka ga’anii hedduu carraaqu.

Daa’imman hedduun diinagdeen mataa isaanii hanga danda’aniitti maatiin irratti of gatanii jiraatu.

Jireenyi isaa Veetnaam kutaa baadiyyaa kan ta’e daa’imni waggaa 10’n Daang Vaan Kahuuyan jireenyi isaa kanarraa addadha.

Sababoota garagaraan maatiin isaa du’aan irraa adda kan ba’an daa’imni Daang, gargaarsa kam malee naannoo baadiyyaa jiraatutti hojii qonnaa ittiin bulmaata godhateera.

Daa’imni kun jireenya isaa fooyyessuuf  nyaataaf kan isa tajaajilan hojiiwwaan qonnaa dadhabsiisoo hojjeta.

Umurii kanaan gargaarsa kam malee otuu hin barbaadiin qormaata jireenyaa isa mudate darbuuf daandiin inni filate bayyota kan gaddisiisee fi ajaa’ibsisedha.

Jireenya isaa qajeelchuuf kan isa gargaaru hojii qonnaarra darbee barnoota isaa otuu adda hin kutiin hordofaa jira.

Daang naannichatti kan argamaan firoota isaarraa gaaffi si gargaara jedhu dhiisuun jireenya mataa isaa fooyyesuuf daandiin inni filate cimina isaa muldhisa.

Muuxannoon jireenya Daang Vaan Kuhuyaan karaa barsiisaa isaa marsariitii miidiyaa hawaasa irratti ga dhiifamuun wal qabatee kutaaleen idila addunyaa garagaraa dinqisiifachaa jiru.

Baayyoonni daa’ima kana umurii kanatti qormaata isa mudate hir’isuu kan danda’u deeggarsa taasisuuf fedhii akka qaban ibsaniiru.

Maddi:- odiit sentiraal

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.