Fana: At a Speed of Life!

Daa’ima Umrii baatii 3 sigiga lafaan maatii malee hafe

Finfinnee, Adoolessa 20, 2016 (FBC) – Daa’ima Umrii baatii 3 balaa sigiga lafaa Godina Goofaatti mudateen maatii malee hafe.

Haati daa’ima kanaa Taamanech Daani’eel jedhamti, Carraan Iqqubii Birrii kuma 60 ishee gahe maallaqicha qabattee gara Manaa Imalaa turte.

Abbaan daa’ima kanaa Iziqi’eel Salamoon jedhama. Manatti daa’imicha taphachiisaa ture.

Sigigni lafaa naannichatti mudachuun waayita iyya dhagahan Obbo Iziqi’eel Salamoon fiigee manaa bahuun gara taatichaa imale, Aadde Taamanech Daani’eelis karaarraa gara sana birmannaa fiigde.

Lamaanuu fiiganii bakkicha gahuun namoota balaan miidhaman baraaruurratti hirmaachuu eegalan.

Haa ta’uutii sigigni lafaa marsaa 2ffaaf mudate jara lamaanuu achitti hambise.

Daa’imichi qofaa isaatti hafuun boo’icha dheeraa boodata kan qaqqabeef abbaa fi haadha osoo hin taane ollaa ture.

Balaan sigiga lafaa Godina Goofaa Aanaa Gaazee Goofaatti mudate kun lubbuu namoota 231 galaafachuun daa’ima umrii baatii 3 maqaan hin moggaafamneef maatii malee hambisuun godaannisa seenaa kaa’e.

Taarikuu Laggasaatiin

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.