Fana: At a Speed of Life!

Daabboon Shaggar Boru gabaaf dhiyaachuu ni eegala jedhame

Finfinnee, Gurraandhala 30, 2014 (FBC) – Daabboon Shaggar Boru gabaaf dhiyaachuu kan eegalu ta’uu Kaantibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebeen ibsan.
Aadde Adaanach dhiibbaa baballiin gatii qaala’insa jireenyaa irratti qabu hir’isuuf; nyaata soorataa irratti xiyyeeffannoon hojjatamaa jiraachuu ibsaniiru.
Keessattuu bulchiinsa magaalaa Finfinnee keessatti gargaarsa mootummaan kan raabsamaa jiru Zayitii fi Daabboo ilaalchisee xiyyeeffannoo addaa itti kennamee hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.
Zayita seeraan ala kuufamee argame dabalatee iddoolee dhiyoo garagaraatii akka dhiyaatan taasiisuun yeroof Zayinni nyaataa liitirri miiliyoonni 2 ol raabsamaa jiraachuu himaniiru.
Kana ta’uu isaatiin jiraattonni magaalichaa galii gadi aanaan qaban Dukkaana raabsitoota naannoo isaanitti argamu deemuun oomishaalee kanneen argachuu kan danda’an ta’uu eeraniiru.
Daabboon Shaggar haaromsa warshaa fi sababa daballii gatii qamadiin oomisha dhaabee akka turuu kaasuun, Bulchiinsi magaalichaa Daabboo Shaggariif Birrii miiliyoona dhibba 6 fi miiliyoona 13 deeggarsa taasiisuu dubbataniiru.
Akkasumas Birrii miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 98n haaromsa gochuun waliigalatti Birrii miiliyoona dhibba 8 fi miiliyoona 12 ramaduun oomisha Daabboo eegalchiisuun danda’ameera jedhan.
Oomishni Daabboo Shaggar boruu eegalee gara gabaatti kan dhiyaatu ta’uu fi haaluma wal fakkaatuun hawaasni giddugaloota Daabboon Shaggar itti raabsamuu Daabboo argachuu ni danda’a jedhan Fuula Feesbuukii isaaniin.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.