Cuuphaa hanga Yaa’ii Gamtaa Afrikaatti hojiileen Itiyoophiyaa mul’isan hojjetamaa jiru
Finfinnee, Amajjii 8, 2017 (FMC)- Cuuphaa hanga Yaa’ii Gamtaa Afrikaatti hojiileen daran Itiyoophiyaa mul’isan hojjetamaa jiraachuu Ministeerri Tuuriizimii ibse.
Ministir Deetaan Ministeerichaa Dooktar Indaganaa Abbabaa Faanaa Miidiyaa Koorporeeshiniif ibsa kennaniin, ijaarsa maqaa gaarii fi qabeenya tuuriizimii beeksisuun damee xiyyeeffannaan kennameef ta’uu eeran.
Sagantaa Ayyaana Cuuphaa fi Yaa’ii Gamtaa Afrikaaf keessummoonni biyya alaa kumaatamatti lakkaa’aman ni hirmaatuun kan eegamu ta’u kaasan.
Finfinneen alatti Ayyaanni Cuuphaa magaalota akka Baatuu, Miinjaar Shonkooraa, Goondarii fi Baahirdaaritti kan kabajaman ta’uun dabalataan bakkeewwan hawwata tuuristootaa ta’uu himaniiru.
Maartaa Geetaachootu gabaase.
#Oromia #Ethiopia