Fana: At a Speed of Life!

Cinaaksanitti Qonna Gannaan Qamadiin Kilaastaraan misoome daawwatame

Finfinnee, Hagayya 12, 2016 (FBC)- Jilli Pireezdaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaan durfamu, Godina Harargee Bahaa Aanaa Cinaaksanitti Qonna Gannaan Qamadii Kilaastaraan misoome daawwateera.

Aanichatti Qamadiin lafa hektaara kuma 2 fi 800 kilaastaraan misoomaa jiraachuun eerameera.

Godina Harargee Bahaatti Qonna Gannaan Inisheetivii Qamadii misoomee kunuunfamaa jirurraa, caallaan kuntaalli miiliyona 13 ol ni argaman kan abdatamu ta’uun ibsamuu ragaan kominikeeshinii godinichaarraa argame ni mul’isa.

Dabalataan jillichi Aanichatti pirojektii Jallisii Finnaa Marar Birrii miiliyoona 500’n hojjatamaa jiru daawwateera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.