Fana: At a Speed of Life!

Cimnee yoo hojjenne Itiyoophiyaa badhaatee yeroo dhiyootti argina- Aadde Caaltuu Saanii

Finfinnee, Caamsaa 27, 2016 (FBC)- Walta’iinsaan cimne yoo hojjenne fuulduratti magaalota jireenyaaf mijatoo ta’an keessatti Itiyoophiyaa badhaate yeroon itti arginu dhiyoodha jedhan Ministirri Ministeera Magaalaa fi Bu’uuraalee Misooma Aadde Caaltuu Saaniin.

Waltajjiin raawwii sagantaa babal’ina magaaloota 117 keessatti hojiiraa oolaa jiru marsaa jalqabaa fi kallattii marsaa 2ffaa irratti xiyyeeffate Naannoo Somaalee Magaalaa Jigjigaatti gaggeeffamaa jiraachuun ibsame.

Ministirri Ministeera Magaalaa fi Bu’uuraalee Misooma Aadde Caaltuu Saaniin waltajjicharratti haasaawa taasisaniin, sagantaan babal’ina magaalotaa bara Faranjootaa 2018 eegale magaaloota 117 keessatti hojiirra oolaa jiraachuu eeruun, sagantichaaf Doolaarri miiliyoona 859 ramadamuu dubbataniiru.

Kaayyoo sagantichaa milkeessuuf hojiilee hojjetamaniin daandiin cirrachaaa kiiloomeetirii kuma 2 fi 599 ijaaramuu ibsuun, giddugaloota gabaa fi sheediiwwan dhaabbiilee IMX kuma 1fi 116 ijaaramuu kaasaniiru.

Akkasumas lafa heektara 286 irratti bakki dhaabbii konkolaatootaa fi misooma magaariisaa hojjetamuu eeraniiru.

Kanaaniis lammiilee kuma 915 oliif carraan hojii uumamuu kaasuun, galii mana qopheessaa bara 2012 Birrii biiliyoona 6.6 ture bara baajata 2015’tti Birrii biiliyoona 13.7 qaqqabuu ibsaniiru.

Pireezidaantiin Naannoo Somaalee Obbo Musxaafee Mahaammad gamasaaniin, jijjiiramaa as hojiileen bu’uuraalee misoomaa hedduun hojjetamuu eeruun, Ministeera Magaaloota fi Bu’uuraalee misooma galatteeffataniiru.

Beezaawwit Kabbaadaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii https://www.facebook.com/afaanoromoofana

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.