Fana: At a Speed of Life!

Cichoomina keenyaan waan addunyaa biroorratti ta’ee hin beekne guyyaa tokkotti raawwanneerra – Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Hagayya 17, 2016 (FBC) – Duula Dhaabbii biqiltuu guyyaa tokkoon biqiltuun miiliyoonni 615.7 dhaabachuu Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad ibsan.

Har’a guyyaa tokkotti biqiltuu miiliyoona 600 dhaabuuf karoorfannee turre jedhan Dooktar Abiy.

Waan yaadne osoo hin milkeessin aduu nutti hin dhiittu, guyyaa tokkotti biqiltuu miiliyoona 615.7 dhaabuu dandeenyarra jechuun ibsaniiru.

Daa’immaan abdii isaanii dhaabaniiru,Dargaggoonni cichoomina isaanii mul’isaniiru.

Maanguddoonni dhaalchisaniiru.

Lammiileen Itiyoophiyaa xiqqaa guddaan xiiqiin bahuun ashaaraa hin golgamne kaa’aniiru.

Cichoomina keenyaan waan addunyaa biroorratti ta’ee hin beekne guyyaa tokkotti raawwanneerra jedhan Dooktar Abiy Ahimad fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin.

Har’a eegumsa madaallii jijjiirama qilleensaaf dhaabbannee oollerra, dhiqama biyyee ittisuuf hiriirree jirra.

Wabii nyaataa mirkaneessuuf dhaabaa oollerra.

Dachee magariisummaa uwwisuuf cichoominaan hojjenneera.

Uumaan nu gargaaruun har’a waan yaadne milkeessineera.

Har’a lammiileen miiliyoonni 29.1 lafa hektaara kuma 318.4 Ji’ooispaashaaliin adda baheerra dhaabaniiru.

Tokkummaa fi cichoomina lammiilee Itiyoophiyaaf galata dhiyeessaniiru.

Hoggantoonni, ogeeyyii fi dhaabbileen miidiyaa milkaa’ina karoorichaaf gumaacha taasiisaniif galateeffataniiru.

Kaayyoon hunda keenyaa Itiyoophiyaa gamtaan ijaaruudha jedhan.
Kanas itti fufna jechuun ibsaniiru.

#Ashaaraa_Magariisaa #Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.