Fana: At a Speed of Life!

Cheelsiin Maawuriisiiyoo Poochetiinoo leenjisaa garichaa taasiisuun muude

Finfinnee, Caamsaa 21, 2015 (FBC) – Kilabni Kubbaa Miilaa Lixa Landan Cheelsiin Maawuriisiiyoo Poochetiinoo leenjisaa garichaa taasiisuun muuduu beeksiise.

Ga’eessi Umrii waggaa 51 Maawuriisiiyoo Poochetiinoon leenjisaa olaanaa Kilabichaa ta’anii tajaajiluuf waliigaluu Meetiroo Ispoortiin gabaaseera.

Bara taphaa dhufu keessa Cheelsii morkataa cimaa taasiisuuf waliigaltee Waggaa sadii mallatteessuuf waliigalaniiru jedhame.

Cheelsiin waggoota 27 booda bara taphaa kana Liigicha sadarkaa 12ffaan xumuruun kan yaadatamuudha.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.