Fana: At a Speed of Life!

Chaayinaatti xiyyaarri namoota 133 fe’ee balali’aa ture kufe

Finfinnee, Bitootessa 12, 2014 (FBC)- Chaayinaatti xiyyaarri namoota 133 fe’ee balali’aa ture kufuu gabaafame.

Xiyyaarichi kan Daandii Qilleensa Baha Chaayinaa ta’uu fi naannoo Guwaangizii Guwaang jedhamutti kufuu gabaafameera.

Xiyyaarichi balaa abiddaa naannoo gaaraatti mudateen kufuu akka hin hafne CGTN gabaasa isaan eereera.

Xiyyaarichi nomoota 133 fe’ee turuu fi hanga ammaatti miidhaan balichaan qaqqabe kan hin beekamne ta’uu ibsameera.

Naannoo Xiyyaarichi kufetti  lubbuu baraartonni bobbaafamuu gabaafameera.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.