Fana: At a Speed of Life!

Chaayinaatti vaayrasii koroonaatin guyyaa tokkotti namoonni 97 du’an

Finfinnee, Gurraandhala 2, 2012 (FBC) – Chaayinaatti guyyaa kaleessaa qofa koroonaa vaayrasiitin namoonni 97 du’aniiru.

Erga vaayrasiin koroonaa mul’atee Chaayinaatti lakkoofsi namoota du’anii 909 guutera.

Yaata’uutii guyyaa kaleessaa qofa duuti olaanaan galmaa’era.

Chaayinaatti haga ammaatti namoonni kumni 40 fi 171 ta’an vaayrasii kanaan qabamaniiru.

Namoonni kumni dhibbi 1 fi kumni 87 fi 518 ta’an ammoo kutaa addaatti hordoffiin taasifamaafii jiraachuunis himameera.

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa garee ogeeyyii fayyaa gara Chaayinaatti erguun, vaayrasicharratti qorannoo gaggeessaa jira.

Akka ragaan Koomiishinii Fayyaa Biyyaalessaa Chaayinaa ibsutti haga ammaatti nammoonni kumni 3 fi 281 vaayrasicharra fayyuun hoospitaalaa ba’aniiru.

Chaayinaan alatti namoonni 300 vaayrasichaan qabamaniiru jedhame.

Vaayrasiin koroonaa Chaayinaa bulchiinsa Hubee, magaalaa Wuuhaan keessatti Mudde darbe kan mul’ate ta’uun isaa ni yaadatama.

Maddi:-BBC fi CTGN

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.